Bara 2030tti tattamsa'ina HIV dhaabu
Logii walqiixummaa dhaabu. AIDS dhaabu. Dibbeewwan. Daddarbo dhaabu.
END HIV/AIDS BY 2030
END INEQUALITIES. END AIDS. END PANDEMICS
Tajaajila Laayibraarii
Beekumsaan sirritti of-qopheessuun HIV haa dhaabnu
Miidhagdu! Magaalaa Adaamaa
Ummata HIVf caalmaan saaxilaman tajaajiluu
Previous
Next


AIDS Lakkoofsaan Oromiyaatti

2000
Bara 2020tti Ummata haaraa HIVn faallaman
110000
Bara 2020tti Lakkoofsa ummataa HIVn dhiiga isaani keessatti argamu
2000
Bara 2020tti Lakkofsa ummataa sababa HIV/AIDS dua'aa
0 %
Bara 2020tti tattamsa'ina HIV



Oduu Haaraa

 

Biyyota Afriikaa sab-saahaaraa gaditti dhimmi HIV irraa kan ka’ee shamarran ba’aa guddaa isaan akka muddatee

Miti walqixxumaa fi loguummaa saalaan kan dhufuu irraan kan ka’ee bu’uurii miirga namuummaa, miirga barachuu, fi miirgaa tajaajila fayyaa fi caaraa diingdee ilaalchisee dubartootni  akka miidhamaa jiraniidha. Sababa kanaan kan ka’ee shamaran dhimmoota walqunnamti saalaa fi murtee ofi ofiin murteefachuu akka hin dandeenya isaan godha.

Guyyaa 15/3/2022 tti, wiirtuun Odeeffannoo HIV/AIDS Adaamaa, waajiraa Fayyaa G/Shawaa bahaa, waajiraa Fayyaa Magaalaa Adaamaa fi, Mana Sirreessa Godina Shawaa Baa walii tahuun duula damaqiinaa HIV sirreeffamttoota seeraatiif gaggeesse jira. Duula kan irratti sirreeffamttoota seeraa hamma tokko tajaajili qorannoo feedhii irratti hundaa’ee (VCT) kan godhamiifi jira

 

 

Baratootni Mana Barumsaa Gadaa Michilee  Miseensoota  Gumii HIV/AIDS  ta’an  Wiirtuu Oddeeffaannoo  HIV /AIDS Adaamaa  gaafa guyyaa bitootessaa 20/2014 daawwatan, koreen managementii wirtichaas haasa baga naagan dhufaanii fi ibsaa kaayyoo fi tajajilaa wirtichaa ibsuufi hubbaannoo ga’a ta’ee kennaniruu

Kaayyoolee

01.

Hojiiwwaan ARC biyyaalessaa sadrkaa naannootti gad buusuun baay’isuudha. Kun HIV/AIDSii dhiibeewwan saal-qunnamtii daddarboo (STDs) fi daranyoo sombaa(TB) irratti odeeffannoo haaraafi sirrii ta’an kennuu, jijjirama amalaa aadaan dhufan irratti meeshaalee wal-qunnamtii barreessuu, raabsuu fi meeshaalee odeeffannoo mada biraarraa argaman walitti qabuufi raabsuu

02.

Dhimmoota fayyaa haaraa irratti qorannoon akka adeemsifamuuf qu’attootaaf, qaamoolee imaammata baasaniif, hojjattootaa fi ogeeyyii fayyaaf akkasumas hawaasaaf qunnamtii teknolojii intarneetii akka qabaataniif deeggarsa kennuu.

03.

Pirojeltiiwwaniif hojiiwwan HIV/AIDS, STD fi TB irratti HAPCO naannichaa fi Biiroo Fayyaa Oromiyaatiif deeggarsa meeshaalee odeeffannoo kennuu

04.

Dhimmoota HIV/AIDSii naannoo Oromiyaa ilaalchisee ilaalchaa fi ragaalee jiran miidiyaa maxxansaa fi elektirooniksii Itoophiyaaf kennuu


Haala HIV/AIDS Itiyoophiyaatti

Gaafii fi Deebii Waa'ee HIV/AIDS

HIV’n vaayirasii ‘AIDS’ qaqqabsiisuu dha.Namootni hedduun ‘HIV’ qaban tasuma isaa mallattoo dhukkubaa hinqabaatan.Garuu immoo vaayirasicha namoota kan birootti daddabarsuu nidanda’u.Giddu-galeessa irratti namni ‘HIV’ qabu tokko ‘AIDS’tti jijjiiramuudhaaf hamma waggaa kudhaniitti turuu nidanda’a.’AIDS’n dhibee hamaa humna qaama keenyaa dhukkubsachuu irraa ittisu kan akka malee dadhabsiisuu dha.Namni al-tokko ‘AIDS’dhaan qabame ,dhukkubi salphaan akka qufaa du’atti geessuu danda’a.Namni ‘AIDS’dhaan qabame tokko dhukkuba kan biroo fi baay’ee hinbeekamne kan akka dhukkuba sombaa namootni fayyaan salphaatti ittiin hinqabamneen qabamuuf carraan isaa baay’ee guddaa dha.

Miti. Sababiin isaa ‘HIV’n qilleensaan,bishaaniin ykn nyaataan kan daddarbu miti.’HIV’n nama irraa namatti kan inni daddarbuu danda’u yeroo namootni dhiiga ykn dhangala’aa qaama saalaa wallif laatanii(waliin jijjiiranii)dha.’HIV’n yeroo dheeraadhaaf qaama namaa ala turee jiraachuu hindanda’u.Kanaaf ‘HIV’n hariiroo hawaasummaa sirna-qabeessa ta’e nama ‘HIV’dhaan qabamee wajjin gochuudhaan si hinqabu.

Kan armaan gaditti ibsaman karaa gurguddoo ittiin ‘HIV’n nama tokko qabuu danda’uu dha. Wal-quunnamtii saalaa kondomii malee karaa saala dhalaatiin ykn karaa qaawwaa hudduutiin geggeeffamu irraa nama qabuu nidanda’a. Dhhiiga nama ‘HIV’ qabuu wajjin walitti- bu’uudhaan.Inni kunis nama ‘HIV’ qabu irraa dhiiga fudhachuudhaan ta’uu nidanda’a. Haadha ‘HIV’dhaan qabamte irraa gara mucaatti darbuu nidanada’a:’HIV’n yerroo ulfaatti,yeroo da’umsaatti,yakaan immoo harma hoosisuudhaan gara mucaatti darbuu nidanda’a,Harka sadii keessaa harka tokko qophatu haadha ‘HIV’ poosatiivii taate irraa ‘HIV’n itti darba. Marfee namni ‘HIV’dhaan qabame tokko itti fayyadamee fi kan qulqullina hinqabneen(unsterilized) Waraanamuudhaan

  • Miti. ’HIV’dhaan qabamuun mallattoo dhukkubaa addaa hinqabu.Karaan ati ittiin ‘HIV’dhaan qabamuu kee beektu qorannaa dhiigaa godhachuu qophaani.Qorannoon kun dhiiga kee keessaa farra dhukkubaa(antibodies)’HIV’ittisuu danda’u kansakatta’uu dha.Farri dhukkubaa(antibodies) dhibee sirraa ittisuudhaaf qaama keetiin kan hoomishamuu dha.Garuu si’a baay’ee, ‘HIV’dhaan qabamtee farra dhukkubaa(antibodies) ‘HIV’irratti uumuudhaaf ji’a sadii fudhachuu nidanda’a. Yeroo ji’a sadii sanatti qorannoo ‘HIV’ geggeessuun firii(result) ifaa hintaane mul’isuu nidanda’a.Sababiin isaa namichi ‘HIV’dhaan qabame ‘HIV’irratti farra-dhukkubaa(antibodies)hanga ammaatti hoomishuu dhiisuu danda’a waan ta’eef.Erga ‘HIV’dhaan saaxilamtee booda( kana jechuun kondomii malee wal-quunnamtii saalaa raawwachuun, ykn limmoo ‘HIV’dhaan faalametti gargaramuudhaan) ituu qorannoo dhiigaa hingeggeessin yoo yerate ji’oota sadiif turuun baay’ee gaarii dha.Ituma illee qorannaan dhiigaa ‘HIV’irraa bilisa ta’uukee mul’isee,caalaadhumatti mirkaneeffachuuf,wiirtuun qorannaa tokkoo-tokko ji’a ja’a boodas akka ilaalamtu nama gorsu. ‘HIV’dhaan erga saaxilamtee booda dhiiga kee qorachiisuuf yemmuu turtuttu(eeggattutti)ammas ‘HIV’tti akka hinsaaxilamneef of-eeggannaa barbaachisaa gochuutu sirra jiraata.Yennaa fedha saalaa raawwachuudhaaf dammaqaa taate,yeroo wal-quunnamtii saalaa gootu hundumaatti kondomiitti fayyadamuu qabda.Kana malees dhiiga nama kan birootti akka hinbuunee fi marfee faalame irraa of-eeguu qabda.

  • Qorannoon dhiigaa ‘HIV’dhaaf godhamu yeroo bay’ee dheeraa namatti hinfudhatu.Qorannoo sana keessatti dhiiga xiqqoo (small sample of blood) nama keessaa fuuchuudhaan ‘HIV’irratti farri dhukkubaa(antibodies) jiraachuu isaa ilaalu jechuu dha.Gosa qorannoo wiirtuu ati bira deemte itti fayyadamanitti hundaa’ee,firii qorannaa(test Result) keetii sa’a muraasa gidduutti ykn guyyaa itti aanutti fudhachuu nidandeessa.

‘HIV’n dhiiga keessa jiraachuu [firii qorannoo posatiiv] jechuun: ‘HIV’n dhiiga keessa jirachuu jechuun vaayirasichi dhumairratti gara ‘AIDS’tti geessu sun qaama kee keessatti argamee jira jechuu dha. ‘HIV’n dhiiga keessa jiraachuu jechuun yoo of-eeggannaa malee walquunnamtii saalaa goote nama kan biroo ‘HIV’dhaan qabsiisuu nidandeessa. ‘HIV’n dhiiga kee keessa jiraachuu jechuun wanta hamaa sitti dhaga’aamu ta’uu nidanda’a.Nammonni baay’een wanta maatiinsaanii,hiriyoonnisaanii fi hawaasnisaanii waa’ee isaanii yaadan irratti nidhiphatu.Gorsitootaa wajjin haasa’uun kana irratti nama gargaara. ‘HIV’n dhiiga keessa keessa jiraachuu[ firii qoronnoo neegatiiv] jechuun kan armaan gad jiran jechuu miti. ‘AIDS’dhaan qabamtee jirta jechuu miti. Battalumatti duuta jechuu miti.Namoonni nyaata nama gabbisu nyaachuudhaan qaamasaanii akka gaariitti eeggatan,qulqullinasanii eeggatan,akkasumas namoota dhukkubsatan irraa of-eeggatan ‘HIV’dhaa wajjin waggaa baa’ee jiraachuu nidanda’u. ‘HIV’ irraa bilisa ta’uu jechuun: Wantoonni farra dhukkubaa ta’an yeroo kanatti dhiigakee keessatti hinargamne jechuu dha. ‘HIV’ irraa bilisa ta’uu jechuun kan armaan gad jiran jechuu miti. ‘HIV’dhaan hinqabamne jechuu miti(yoo ji’oottan 3-6 keessatti ‘HIV’dhaan saaxilamteetta taateef). ‘AIDS’n gonkumaa siqabuu hindanda’u jechuu miti.

  • Eeyyee jira.Dubartiin ulfa taate tokko yeroo ulfa taatee jirtutti ykn yeroo
    da’umsaatti ‘HIV/AIDS’ mucaasheetti dabarsuu nidandeessi.Haati tokko
    mucaashee harma hoosisuudhaan ‘HIV/AIDS’ itti dabarsuu
    nidandeessi(‘HIV’n aannan harmaa kan dubartii ‘HIV’dhaan qabamte tokko
    keessatti yerinaan ni argama).Itoophiyaa keessatti Mucooliin haadha
    ‘HIV’dhaan qabamte irraa dhalatan sadii keessaa tokko ‘HIV/AIDS’dhaan
    kan qabaman kan armaan gad jiran keessaa isa tokkooni.
    Yoo dubartittiin ‘HIV’ poosatiivii taate,carraa ‘HIV’ mucaatti dabarsuu
    dandeessu irraa hir’istu mala hedduutu jira.Hakiimiin qoricha warra akka
    ‘zidovudine(AZT) fi ‘nevirapine’ (yoo ni argamu ta’an) jedhaman dubartiin
    ulfaa ‘HIV/AIDS’dhaan qabamte tokkoof carraan dhukkubichi gara
    mucaasheetti darbuu danda’u akka gad hir’isuuf laachuufii
    nidanda’a.Nyaata gaggaarii nyachuunii fi da’umsaan duratti of-eeggannoon
    godhamu balaa dhukkubicha gara mucaatti dabarsuu hir’isuu
    nidanda’a.Dubartiin ‘HIV’ poosatiivii taate tokko waa’ee
    gaarummaa(advantage) fi gadhummaa(disadvantage) mucaa harma
    hoosisuu gorsituu ykn hakiimii haasofsiisuu nidandeessi.
    Itoophiyaa keessatti dubartii ulfaa ‘HIV’ sakatta’uuf dhiigashee qorachuun
    waan beekamaa fi yeroo hundumaa geggeeffamu miti. Hata’uyyuu
    malee,dubartittiin tokko ‘HIV’ poosatiivii ta’uushee beektus dhiistus ,yoo
    ulfa taate ykn ulfaa’uuf yoo karoorfatte,fayyaa mucaasheetii eeguuf murtoo
    of-eeggannoo qabu gochuu nidandeessi.

Seenaa addunyaa darban keessatti,bookeenii fi ilbiisotni wallfakkaatan akkassii(arthropods) golfaa(dhukkuba daddarbaa)hedduu tatamsaasuudhaan kan beekamanii dha.Golfaan tafkiidhaan,’typhus’ injiraaniin,akkasumas busaan bookeedhaan nidaddarbu.Maxxantoonni busaa(‘protozoan’) fi ‘yellow fever’(a virus’) bookee keessatti walbaay’isu.Achiinis miciree gororaa(salivary gland) keessatti walga’u.Yommuu bookeen nyaatasheetiif dhiiga xuuxxattu,maxxanttonni(parasites)ishee keessa jiran gororaa wajjin dhiiga nama dhukkuba kanaan saaxilameetti(victim) dabarsu.Fakkaattiin akkasii ‘AIDS’ irratti hinhojjetu.Asirratti kan hubatamuu qabu bookeen dhiiga xuuxxatti malee dhiiga nama tokko irraa nama kanbiraatti hinnaqxu.Itti dabalees ragaan kanbiroon horiiwwan(animals) Afriikaa irraa dhufan ‘HIV’ daddabarsuudhaan hirmaannaa issaa qaban hinjiru.Ijoolotmi Afriikaa alatti bakkee bookeen itti baay’atanitti akka taphatan beekamaa dha.Ituu dhukkubni ‘AIDS’ bookeedhaan daddarba ta’ee,silaa harka dhibba keessaa irra-guddaan ijoollotatu dhukkuba kanaan qabama ture.Hata’uyyuu malee,lakkoobsi jiru (statistics) akka mul’isutti,Afriikaa keessatti ijoolotni dhukkuba kanaan qabaman harka dhibba keessaa warra kaan biratti muraasa ta’u.Ijoolotni Afriikaa hedduunsaanii dhukkuba busaatiin dhiphatu garuu yertuunsanii ‘AIDS’dhaan dhukkubsatu.Saayintistootni akka mul’isanitti bookeen dhiiga vaayirasii ‘HIV’n keessatti baay’ate soorrattee sa’a dheeraadhaaf haala gaariidhaan sosocho’uu nidanda’u.Hubannaan kun garuu yaada isa bookeen ‘HIV’ nidaddabarsiti jedhu sana hindeggereu sababiinsaa vaayirasichi bookee keessatti hinbaay’atu akkasumas yennaa vaayirasichi bookee keessaa alatti bahe iddoo tokkotti baay’atanii wal-ga’uu hindanda’ani.

Waa'ee Keenya

Wiirtuu Oddeefaannoo  HIV/AIDS  Adaamaa haandhuuraa maagala Adaamaa keessaatti  kan argamuu yoo ta’uu kaayyoon dhabbaatefis waa’ee  HIV/AIDS,  Dhukubootaa sal-qunnamtiin dadarbanii , Daranyoo soombaa(TB)  fi dhibbeewwan daddarboo illaalchiisee haawaasnii  Oromiyaa   oddeefaannoo waqtawaa,  sirrii ta’eefi barbaachiisoo ta’aan argatanii fi jijiraa amaala akka fidanii dhiibbeewwan kaneen akka ofirraa ittisaniif kan caraqaa jiruudha.